Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Warra Kaaniif Araara

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Warra Kaaniif Araara dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Maatewos 5:7

Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha; araara ni argatuutii.

02 Luqaas 6:36

Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa.

03 Yaaqoob 2:13

nama namaaf hin araaramnetti murtii araara hin qabnetu murama. Araarri murtii moʼa.

04 Miikiyaas 6:8

Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?

05 Qolosaayis 3:12-13

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa. Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa.

06 Efesoon 4:32

Akkuma Waaqni karaa Kiristoosiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.

07 Zakkaariyaas 7:9

“ Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa.

08 Fakkeenya 11:17

Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.

09 Roomaa 12:8

yoo jajjabeessuu taʼe, haa jajjabeessu; yoo warra rakkataniif kennuu taʼe, arjummaadhaan haa kennu; yoo bulchuu taʼe, jabaatee haa bulchu; yoo maaruu taʼe, gammachuun haa maaru.

10 Maatewos 18:33

Akkuma ani garaa siif laafe sana atis garbicha akka keetiitiif garaa laafuu hin qabduu?’

11 Hooseʼaa 6:6

Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.

12 Yihuudaa 1:22

Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban