Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Buʼaa Amanamummaan Argame
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Buʼaa Amanamummaan Argame dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.
Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu.
“ ‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa. Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii fi iinii dhugaatti fayyadamaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxii baasee isin fidee dha.
Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya.
Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti. Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada; dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama.
“ ‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin. “ ‘Mindaa nama qaxarame tokkoo hamma bariʼutti of bira hin bulchin.