Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Warra Onneen Cabe Ni Fayyisa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Warra Onneen Cabe Ni Fayyisa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 147:3

Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.

02 Faarfannaa 34:18

Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.

03 Isaayyaas 61:1

Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

04 Faarfannaa 51:17

Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.

05 Maatewos 11:28

“Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.

06 Isaayyaas 57:15

Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban