Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantii Keessatti Cimuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Amantii Keessatti Cimuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.
Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.
Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.
Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.
kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii wangeelaa irraa hin sochoone taʼa. Wangeelli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma samii gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis wangeeluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.
Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii.
Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.
Egaa yaa obboloota, jabaadhaatii dhaabadhaa; barsiisa nu karaa dubbii afaaniitiin yookaan xalayaan isin barsiifne sana jabeessaatii qabadhaa.