Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gammachuutti Lakkaaʼadhaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Gammachuutti Lakkaaʼadhaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa;
amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii. Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu.
Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.
Garuu isin yeroo ulfinni isaa mulʼatutti akka baayʼee gammaddaniif waan dhiphina Kiristoos keessatti qooda fudhattaniif gammadaa.
“Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.
Ergamoonnis akka maqaa sanaaf jedhanii qaanaʼaniif waan gaʼumsa argataniif akka malee gammadaa fuula waldaa duraa deeman.
Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii;