Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Utuu Hin Argin Amanuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Utuu Hin Argin Amanuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 20:29

Yesuusis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen.

02 1 Phexros 1:8

Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu;

03 2 Qorontos 5:7

Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.

04 Ibroota 11:1

Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.

05 Yohannis 20:31

Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.

06 2 Qorontos 4:18

Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban