Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qajeelaan Amantiidhaan Jiraata

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Qajeelaan Amantiidhaan Jiraata dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Anbaaqoom 2:4

“Kunoo inni of bokokseera; hawwiin isaas sirrii miti; namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;

02 Roomaa 1:17

Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha.

03 Galaatiyaa 3:11

Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf” akka eenyu iyyuu fuula Waaqaa duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa.

04 Ibroota 10:38

Akkasumas, “Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata. Kan duubatti harkifatu immoo ani itti hin gammadu.”

05 Uumama 15:6

Abraam Waaqayyotti amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef.

06 Roomaa 3:28

Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.

07 Fiiliphisiyuus 3:9

kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban