Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Warra Sagalee Hin Qabneef Dubbachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Warra Sagalee Hin Qabneef Dubbachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 31:8-9

“Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi. Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”

02 Isaayyaas 1:17

waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.

03 Faarfannaa 82:3-4

Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa. Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa.

04 Ermiyaas 22:3

Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.

05 Fakkeenya 24:11-12

Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi. Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?

06 Iyyoob 29:12

ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.

07 Faarfannaa 41:1

Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.

08 Asteer 4:14

Yoo ati yeroo kanatti calʼifte gargaarsaa fi furamni Yihuudootaa iddoo biraatii ni dhufa; atii fi manni abbaa keetii garuu ni baddu. Maaltu beeka? Ati taayitaa mootummaa qabachuun kee yeroo akkanaatiif taʼaatii.”

09 Fakkeenya 29:7

Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata; namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban