Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Bishaan Jireenyaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Bishaan Jireenyaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 7:38

Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.”

02 Yohannis 4:14

garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.”

03 Yohannis 4:10

Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqaatii fi inni, ‘na obaasi’ siin jedhu kun eenyu akka taʼe utuu beektee silaa situ isa kadhata ture; innis bishaan jireenyaa siif kenna ture” jedheen.

04 Isaayyaas 44:3

Ani lafa dheebote irratti bishaan, lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii; ani ijoollee kee irratti Hafuura koo, sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.

05 Mulʼata 22:17

Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.

06 Yohannis 7:37

Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Yesuus kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu.

07 Ermiyaas 2:13

“Uummanni koo cubbuu lama hojjete: Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii boolla bishaanii ofii isaanii, boolla bishaanii baqaqaa bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.

08 Faarfannaa 42:1

Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana, yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban