Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhibaaʼummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Dhibaaʼummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 6:6

Yaa dhibaaʼaa nana mee gara goondaa dhaqi; karaa ishee qalbeeffadhuutii ogeessa taʼi!

02 Fakkeenya 13:4

Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.

03 Fakkeenya 20:4

Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee homaa hin argatu.

04 Fakkeenya 24:30-31

Ani lafa qotiisaa nama dhibaaʼaa keessa baʼee, iddoo dhaabaa wayinii nama qalbii hin qabnee keessas darbe; qoraattiin lafa hunda guuteera; laftis aramaadhaan fudhatameera; dallaan dhagaas diigameera.

05 2 Tasaloniiqee 3:10

Nu yommuu isin bira turretti ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu isinii kenninee turreetii.

06 Fakkeenya 19:15

Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.

07 Fakkeenya 26:14

Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu, dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala

08 Fakkeenya 21:25

Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef, hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida.

09 Lallaba 10:18

Dhibaaʼummaan, mana duuffisa; harki hin hojjennes mana dhimmisiisa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban