Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantiin Dhagaʼuudhaan Dhufa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Amantiin Dhagaʼuudhaan Dhufa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 10:17

Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.

02 Yohannis 20:31

Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.

03 Galaatiyaa 3:2

Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun Hafuura Qulqulluu argattan?

04 1 Phexros 1:23

Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.

05 Roomaa 10:14

Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree?

06 Roomaa 10:8

Inni garuu maal jedha? “Dubbichi si bira jira; afaan keetii fi garaa kee keessa jira;” innis dubbii amantii isa nu lallabnuu dha;

07 Yohannis 17:20

“Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu;

08 Hojii 4:4

Warra dubbicha dhagaʼan keessaas baayʼeetu amane; baayʼinni warra amanees gara kuma shaniitti ol kaʼe.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban