Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Baʼaa Waliif Baachuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Baʼaa Waliif Baachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu.
Nu warri jajjaboo taane, dadhabbii warra dadhaboo baachuu qabna malee ofuma gammachiisuu hin qabnu.
Yoo kutaan dhagnaa tokko rakkate kutaawwan hundinuu isa wajjin rakkatu; yoo kutaan tokko ulfina argate kutaawwan hundi isa wajjin gammadu.
Warra gammadan wajjin gammadaa; warra booʼan wajjin booʼaa.
Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa.
Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii. Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.
Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.