Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhagna Kiristoos
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Dhagna Kiristoos dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Isin amma dhagna Kiristoos; tokkoon tokkoon keessanis kutaa dhagna sanaa ti.
Dhagni kutaa baayʼee qabaatu illee dhagnuma tokko; kutaawwan dhagnaa yoo baayʼatani illee hundi isaanii dhagnuma tokko taʼu. Kiristoosis akkasuma.
Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.
Qooda kanaa jaalalaan dhugaa dubbachaa gara isa mataa taʼe sanaatti waan hundaan ni guddanna; innis Kiristoos. Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara.
Amma garuu Waaqni akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera.
Dhagni kutaa tokko qofa utuu hin taʼin kutaawwan baayʼeedhaatii.
Egaa kutaawwan dhagnaa baayʼee dha; dhagni garuu tokkuma. Iji harkaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu; yookaan mataan miillaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu.
Isumaanis kutaaleen dhagnaa guutuun ribuu walitti isaan qabuun hidhamaniiru; yommuu kutaaleen dhagnaa sun hundi hojii isaanii hojjetanittis dhagni sun jaalalaan guddatee of ijaara.
kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef.
Nu akkuma ayyaana nuu kennameetti kennaa garaa garaa qabna. Yoo kennaan nama tokkoo raajii dubbachuu taʼe, inni akkuma amantii isaatitti haa dubbatu.
Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.