Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Nagaa Buusuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Nagaa Buusuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
01 Maatewos 5:9
Warri nagaa buusan eebbifamoo dha; ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.
02 Roomaa 12:18
Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa.
Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
05 Yaaqoob 3:18
Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.