Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Keessummeessuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Keessummeessuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Qulqulloota rakkataniif waa gumaachaa. Keessummoota simadhaa.
Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
Guungummii malee wal keessumsiisaa.
Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami. Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”
Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna.
Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu,
Qooda kanaa inni nama keessumaa simatu, nama waan gaarii jaallatu, kan of qabu, qajeelaa, qulqulluu fi nama naamusa qabu taʼuu qaba.
Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan;
Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama. Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami. Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”
Utuma Abrahaam guyyaa saafaadhaan qilxuu Mamree bira balbala dunkaana isaa dura taaʼee jiruu Waaqayyo isatti mulʼate. Abrahaamis ol ilaalee namoota isa bira dhadhaabatan sadii arge. Innis akkuma isaan argeen balbala dunkaana isaa duraa kaʼee isaan simachuudhaaf itti fiige; hamma lafa gaʼuttis gad jedhee harka fuudhe. Innis akkana jedheen; “Gooftaa ko, yoo ani si duratti fudhatama argadhe, garbicha kee bira hin darbin. Bishaan xinnoo isiniif haa fidan; miilla dhiqadhaatii muka kana jala boqodhaa. Erga isin gara garbicha keessanii dhuftanii, ani akka isin dadhabbii baatanii karaa keessan itti fuftaniif waan isin nyaattan isiniifin kenna.” Isaanis, “Akkuma jette sana godhi” jedhanii deebisan.
Isheenis erga warra mana ishee jiraatan wajjin cuuphamtee booddee, “Yoo akka nama Gooftaatti amanu tokkootti na ilaaltan, kottaatii mana koo turaa” jettee nu waamte; jabeessitees nu kadhatte.
Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii. Guungummii malee wal keessumsiisaa.