Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Michuummaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Michuummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Michuun yeroo hunda nama jaallata; obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.
Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu; gorsi michuus garaa nama ciibsa.
Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif nama tokko irra nama lama wayya: Yoo inni tokko kufe, inni kaan ol isa qaba. Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne garaa nama nyaata!
Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha; dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.
Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti. Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.
Erga Daawit Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawititti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate.
Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, michuun gowwootaa garuu ni miidhama.
“Namni michuu isaatiif garaa hin laafne Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.
Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin; yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.
Nama dafee aaru michuu hin godhatin; nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin; yoo kana goote karaa isaa baratta; ofii kees kiyyootti galchita.
Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.”