Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Chaappaa Hafuuraa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Chaappaa Hafuuraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 1:13

Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan;

02 Efesoon 4:30

Hafuura Qulqulluu Waaqaa kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa.

03 2 Qorontos 1:22

innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.

04 2 Qorontos 5:5

Kan kaayyoo kanaaf nu qopheesses Waaqa isa Hafuura Qulqulluu wabii waan dhufuuf jiruu godhee akka qabdiitti nuu kenne sanaa dha.

05 Roomaa 8:23

Uumama qofa utuu hin taʼin nu mataan keenya warri ija Hafuuraa kan jalqabaa qabnu iyyuu furii dhagna keenyaa ilmummaatti guddifamuu eeggachaa of keessatti ni aadna.

06 2 Xiimotewos 2:19

Garuu hundeen Waaqaa hin sochoofamne kan chaappaa, “Gooftaan warra kan isaa taʼan ni beeka,” akkanumas “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundi hammina irraa haa deebiʼu” jedhuun chaappeffame jabaatee dhaabateera.

07 Yohannis 6:27

Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”

08 Roomaa 8:16

Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.

09 1 Yohannis 3:24

Namni ajaja isaa eegu isa keessa jiraata; innis isa keessa jiraata. Kanaanis akka inni nu keessa jiraatu nu Hafuura inni nuu kenneen ni beekna.

10 Galaatiyaa 4:6

Sababii isin ilmaan taataniifis Waaqni Hafuura Ilma isaa kan, “ Aabbaa, yaa Abbaa” jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge.

11 Efesoon 4:4

Akkuma yeroo waamamtanitti gara abdii tokkootti waamamtan sana, dhagna tokkoo fi Hafuura tokkotu jira;

12 1 Qorontos 6:11

Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban