Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kadhannaa Amantii
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Kadhannaa Amantii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf.
Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.
Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.
Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu.”
Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
Innis akkana jedhee deebise; “Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [
Yesuusis, “ ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen.
Ija jabinni nu fuula Waaqaa duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa. Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.
Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Waaqa utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.