Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Deebii Kennuuf Qophaaʼuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Deebii Kennuuf Qophaaʼuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Phexros 3:15

Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;

02 Qolosaayis 4:6

Tokkoo tokkoo namaatiif akkamitti akka deebii kennitan akka beektaniif dubbiin keessan yeroo hunda ayyaanaan kan guutame, soogiddaanis kan miʼeeffame haa taʼu.

03 2 Xiimotewos 4:2

Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis.

04 Yihuudaa 1:3

Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.

05 Maatewos 10:32

“Kanaafuu nama fuula namootaa duratti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti dhugaa nan baʼa.

06 1 Phexros 3:16

isinis yommuu namoonni waaʼee keessan waan hamaa dubbatanitti akka warri amala gaarii isin Kiristoos keessatti qabdan sana arrabsan qaanaʼaniif yaada gaarii qabaadhaa.

07 Hojii 17:2-3

Phaawulosis akkuma amala isaa mana sagadaa seenee guyyaa Sanbataa sadii dubbii kitaabaa irratti isaan wajjin dudubbachaa, akka Kiristoos dhiphachuu fi warra duʼan keessaa kaʼuu qabu addeessaa, mirkaneessaas ture. Innis, “Yesuus ani amma isinitti himu kun Kiristoosii dha” jedhe.

08 Tiitoo 1:9

Inni akka barsiisa dhugaatiin warra kaan gorsuu, warra barsiisa sanaan morman immoo akka dogoggora isaanii itti himee amansiisuu dandaʼuuf akkuma barsiifametti dubbii amanamaa sana jabeessee qabachuu qaba.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban