Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Wangeela Lallabuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Wangeela Lallabuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa.
Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
Ani warra dadhaboof buʼaa buusuuf jedhee warra dadhaboo biratti dadhabaan taʼe. Ani karaa dandaʼamu hundaan namoota tokko tokko fayyisuuf jedhee nama hunda biratti waanuma hunda nan taʼe.
Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis.
Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna.
Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban.
kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;
Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.
Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti; namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
Ogeeyyiin akkuma ifa samiiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.