Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ija Jabina
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Ija Jabina dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif.
Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.
Namni hamaan utuu namni tokko iyyuu isa hin ariʼin baqata; qajeeltonni garuu akkuma leencaa ija jabaatu.
Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
Yommuun afaan saaqqadhu hunda ija jabinaan icciitii wangeelaa akkan beeksisuuf dubbiin akka naa kennamu anaafis kadhadhaa; wangeelli kunis isuma ani isaaf jedhee ergamaa taʼee foncaan hidhamee dha. Isinis akka ani akkuma narraa eegamutti sodaa malee isa lallabuu dandaʼuuf naa kadhadhaa.
Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Yesuus wajjin turanis ni qalbeeffatan.
Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas.
Barnaabaas immoo fuudhee ergamootatti isa geesse; akka Saaʼol itti karaatti gooftaa arge, akka itti gooftaan isatti dubbatee fi akka inni sodaa malee Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin lallabe isaanitti hime. Saaʼolis isaan wajjin jiraatee Yerusaalem keessa sodaa malee baʼee galaa ture; maqaa Gooftaatiinis ija jabinaan lallabe.
Innis ija jabinaan, gufuu tokko malees mootummaa Waaqaa lallabaa, waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoosis barsiisaa ture.
Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.
Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
Nus isaan, amantii isa irratti qabnuun, ija jabinaa fi amanachuudhaan Waaqatti dhiʼaachuu dandeenya.
Phaawulosii fi Barnaabaas sodaa malee waaʼee Gooftaa dubbachaa yeroo dheeraa achi turan; Gooftaanis akka isaan mallattoo fi dinqii hojjetan isaan dandeessisuudhaan dubbii ayyaana isaa mirkaneesse.