Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Miilla Miidhagaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Miilla Miidhagaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 10:15

Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha.

02 Isaayyaas 52:7

Miilli warra wangeela fidanii, kan nagaa labsanii, kan oduu gammachiisaa fidanii, kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin, “Waaqni kee moʼeera!” jedhanii tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!

03 Roomaa 10:14

Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree?

04 Naahoom 1:15

Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu, kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira! Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu; wareega kees baafadhu. Siʼachi hamaan si hin weeraru; inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.

05 Hojii 1:8

Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu.”

06 Roomaa 10:13

“Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”

07 1 Qorontos 9:16

Ani yoon wangeela lallabe of jajuu hin dandaʼu; lallabuun dirqama kootii. Yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf wayyoo!

08 2 Qorontos 5:20

Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna.

09 Isaayyaas 61:1

Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban