Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Saboota

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Saboota dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 96:3

Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.

02 Faarfannaa 67:1-2

Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; fuula isaas nurratti haa ibsu; kunis akka karaan kee lafa irratti, fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.

03 Isaayyaas 49:6

Innis, “Ati gosoota Yaaqoob deebiftee dhaabuuf, Israaʼeloota ani eege sanas deebiftee fiduuf garbicha koo taʼuun kee siif baayʼee salphaa dha. Akka fayyinni koo qarqara lafaa gaʼuuf ani Namoota Ormaatiif ibsaa sin taasisa” jedha.

04 Maatewos 28:19

Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;

05 Anbaaqoom 2:14

Akkuma bishaan galaana guutu sana lafti ulfina Waaqayyoon beekuutiin guutamtiitii.

06 Faarfannaa 22:27

Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; gara Waaqayyoottis ni deebiʼa; maatiiwwan sabootaa hundinuus fuula isaa duratti ni sagadu;

07 Mulʼata 7:9

Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan.

08 Uumama 12:3

Ani warra si eebbisan nan eebbisa; warra si abaaran nan abaara; sabni lafa irraa hundinuu karaa keetiin eebbifama.”

09 Faarfannaa 86:9

Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, fuula kee duratti ni sagadu; maqaa keetiifis ulfina fidu.

10 Isaayyaas 2:2

Bara dhumaa keessa, tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha; saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban