Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hojjettoota Midhaan Haamaatiif
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Hojjettoota Midhaan Haamaatiif dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Akkanas isaaniin jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.
Barattoota isaatiinis akkana jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”
Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.
Isin, ‘Jiʼa afurtu hafe; ergasii midhaan walitti qabama’ jettu mitii? Kunoo, ani isinittan hima; akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu gaʼe mee ol jedhaatii lafa qotiisaa ilaalaa!
Egaa nu warri Waaqa wajjin hojjennu, akka isin ayyaana Waaqaa akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne isin kadhanna.
Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”
Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise. Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti.
Yesuus inni Yoosxoos jedhamus akkasuma nagaa isinii dhaama. Warra dhagna qabatan keessaas kanneen na wajjin mootummaa Waaqaatiif hojjetan isaanuma qofa; isaanis jajjabina guddaa naa taʼaniiru.
Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata.