Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ogummaa Argadhu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Ogummaa Argadhu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu. Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.
Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha; ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!
ogummaan lula diimaa caalaa gatii guddaa qabdii; wanni ati hawwitu tokko iyyuu isheedhaan wal hin madaalu.
Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin; ogummaa, qajeelfamaa fi hubannaas bitadhu.
Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee ajaja koos of keessatti kuufatte, yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee yaada kee hubannaatti deebifatte, yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte, yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde, ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta; Waaqa beekuus ni argatta.
Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.