Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Wal Jaalachuuf Of Kennuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Wal Jaalachuuf Of Kennuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 12:10

Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.

02 1 Tasaloniiqee 5:11

Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.

03 Galaatiyaa 6:2

Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Kiristoos ni eegdu.

04 Fiiliphisiyuus 2:3-4

Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.

05 Efesoon 4:2

Guutumaan guutuutti gad of qabaa; garraamota taʼaa; obsa qabaadhaa; jaalalaanis wal dandaʼaa.

06 1 Phexros 4:8

Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.

07 Qolosaayis 3:13

Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa.

08 Yohannis 13:34-35

“Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”

09 1 Tasaloniiqee 5:15

Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.

10 Ibroota 10:24-25

Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

11 Roomaa 15:7

Kanaaf akkuma Kiristoos ulfina Waaqaatiif jedhee isin simatetti isinis wal simadhaa.

12 1 Qorontos 12:25

kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef.

13 Galaatiyaa 5:13

Yaa obboloota ko, isin akka bilisa taataniif waamamtan. Jaalalaan wal tajaajilaa malee bilisummaa keessan fedhii foonii guutuuf hin oolchinaa.

14 1 Yohannis 4:11

Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban