Weedduu 7
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Yaa intala ilma mootii, miilli kee kophee keessatti akkam bareeda! Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata.
2Handhuurri kee xoofoo geengoo kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa hin dhabamin fakkaata. Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii kan daraaraadhaan marfame fakkaata.
3Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii ti.
4Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata. Iji kee haroo Heshboon kan karra Baatrabii biraa fakkaata. Funyaan kee gamoo Libaanoon kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata.
5Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa. Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata; mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama.
6Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin akkam bareedda; akkamis namatti tolta!
7Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata; guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata.
8Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha; ija isaa nan qabadha” nan jedhe. Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii, urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti;
9afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti. Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu.
10Ani kan michuu koo ti; hawwiin isaas anumaaf.
11Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu; gandoota achii keessa haa bullu.
12Akka mukni wayinii hudhaa baafate, akka daraaraan ija banatee fi akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu; anis achitti jaalala koo siif nan kenna.
13Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa; yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse, haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi balbala keenya dura jira.
Weedduu
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0