Weedduu 2
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Ani daraaraa Shaaroon; daraaraa sulula keessaa ti.
2Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti.
3Michuun koo dargaggoota gidduutti akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha; iji isaas natti miʼaawa.
4Inni galma cidhaatti na geesse; akeekni inni naaf qabu jaalala.
5Sababii ani jaalalaan gaggabeef isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa; muka hudhaatiinis na haaromsaa.
6Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
7Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
8Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee gaarran irras qaariʼee dhufaa jira.
9Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti. Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee foddaa keessaan ilaalaa qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira.
10Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe; “Yaa miidhagduu koo kaʼi! Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi.
11Kunoo! Ganni darbeera; bokkaanis caamee sokkeera.
12Daraaraan lafa irratti mulʼateera; waqtiin sirbaa gaʼeera; wacni gugees biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira.
13Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera; wayiniin daraares urgaa kenneera. Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu; yaa bareedduu koo na wajjin deemi.”
14Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa, kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa, mee fuula kee na argisiisi; mee sagalee kee na dhageessisi; sagaleen kee miʼaawaadhaatii; fuulli kees namatti tola.
15Mee waangoo, waangoodhuma xixinnoo ishee kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa; iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii.
16Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
17Yaa michuu ko, hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi; akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.
Weedduu
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0