Weedduu 3
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Ani halkan guutuu siree koo irra ciisee nama garaan koo jaallatu sana nan barbaade; ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
2Ani amma kaʼeen magaalaa keessa, daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema; nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada. Kanaafuu ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.
3Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan; anis, “Michuu koo argitanii?” jedheen isaan gaafadhe.
4Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen, nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe. Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti, diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti ol galchutti gad isa hin dhiisne.
5Yaa intallan Yerusaalem, ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti, jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
6Isheen qumbii fi ixaana urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee akkuma utubaa aaraa gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu?
7Kunoo! Siree Solomoon kan loltoota jaatama warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti.
8Hundi isaanii goraadee hidhatu; hundinuu muuxannoo waraanaa qabu; tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan.
9Solomoon mootichi ofii isaatii gaarii tolfate; innis muka Libaanoon irraa tolfate.
10Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete; jala isaa garuu warqeedhaan hojjete. Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame; keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame.
11Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa; inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa, guyyaa garaan isaa gammadetti, mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.
Weedduu
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0