Weedduu 6
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee eessa dhaqe? Akka nu si wajjin barbaannuuf michuun kee garamitti gore?
2Michuun koo iddoo biqiltuu keessa hoolota isaa tikfachuu fi daraaraa walitti qabachuuf jedhee gara iddoo biqiltuu, lafa madabiin biqiltuu urgooftuuwwanii jirutti gad buʼeera.
3Ani kan michuu koo ti; michuun koos kanuma koo ti; inni daraaraa keessa dheechifata.
4Yaa jaalallee ko, ati akkuma Tiirzaa bareedduu dha; akkuma Yerusaalem namatti tolta; akkuma loltoota faajjii baataniis ulfina qabda.
5Ija kee narraa buqqisi; inni na jeeqeeraatii. Rifeensi mataa keetii akkuma karra reʼoota Giliʼaad irraa gad buʼanii ti.
6Ilkaan kee akkuma karra hoolotaa kan dhiqamee ol dhufaa jiruu ti. Tokkoon tokkoon isaanii lakkuu qabu; isaan keessa maseenni tokko iyyuu hin jiru.
7Maddiin kee lamaan haguuggii kee keessatti roomaanii tokkicha iddoo lamatti qoodame fakkaata.
8Mootittiiwwan jaatamni, saajjatoon saddeettamnii fi dubarran lakkoobsa hin qabne qulqulluun jiraachuu dandaʼu;
9gugeen koo kan mudaa tokko iyyuu hin qabne sun kan addaa ti; isheen haadha isheetiif intala tokkittii dha; haadha ishee deesseefis filatamtuu dha. Dubarran ishee arganii ishee eebbisan; mootittiiwwanii fi saajjatoowwanis ishee jajan.
10Kan akka boruu baqaquutti mulʼattu, kan akka jiʼaa bareeddu, kan akka biiftuu iftu, kan akka urjiiwwan tooraan yaaʼanii ulfina qabdu kun eenyu?
11Anis daraaraa sulula keessatti dhiʼoo biqile arguuf, akka wayiniin hudhaa baase yookaan akka roomaaniin daraare ilaaluuf gara lafa qotiisaa ocholooniitti gad nan buʼe.
12Utuu ani hin hubatin, lubbuun koo gaarii mootii saba kootii keessa na teessiste.
13Yaa Sulaamaaxittii deebiʼi; deebiʼi; akka nu si ilaalluuf deebiʼi; deebiʼi! Isin akkuma nama sirba Mahanayiim ilaaluutti maaliif Sulaamaaxittii ilaaltu?
Weedduu
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0