Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yeroo Kadhattan

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Yeroo Kadhattan dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Maatewos 6:6

Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

02 Maatewos 6:7

Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.

03 Maatewos 6:9-13

“Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “ ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu, maqaan kee haa qulqullaaʼu; mootummaan kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana, lafa irrattis haa taʼu. Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni. Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana, atis yakka keenya nuuf dhiisi. Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen.

04 Luqaas 18:1

Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime.

05 Maarqos 1:35

Yesuus ganama barii dimimmisaan kaʼee manaa baʼee iddoo namni hin jirre tokko dhaqee achitti kadhate.

06 Maatewos 6:5

“Isin yommuu kadhattan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.

07 Maatewos 6:8

Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin hin kadhatin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.

08 Luqaas 11:1

Gaaf tokko Yesuus iddoo tokkotti kadhachaa ture; yommuu inni fixatettis, barattoota isaa keessaa namni tokko, “Yaa Barsiisaa, akkuma Yohannis barattoota isaa barsiise sana, atis kadhachuu nu barsiisi” jedheen.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban