Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jaalalaan Dirqamuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Jaalalaan Dirqamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra.
Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.
Ani yoon wangeela lallabe of jajuu hin dandaʼu; lallabuun dirqama kootii. Yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf wayyoo!
Ani iyyuu obboloota koo warra akka fooniitti sanyii koo taʼaniif jedhee utuun Kiristoos irraa gargar baʼee abaaramee nan hawwa tureetii;
Yesuus erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis, “Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheen.
Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra. Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.
Garuu yoo ani, “Ani maqaa isaa hin dhaʼu yookaan siʼachi maqaa isaatiin hin dubbadhu” jedhe, dubbiin isaa onnee koo keessatti akka ibiddaa, akkuma ibidda lafee koo keessatti ukkaamsameera. Ani of keessatti isa qabachuu nan dadhabe; dhuguma iyyuu ani hin dandaʼu.
Ani warra dadhaboof buʼaa buusuuf jedhee warra dadhaboo biratti dadhabaan taʼe. Ani karaa dandaʼamu hundaan namoota tokko tokko fayyisuuf jedhee nama hunda biratti waanuma hunda nan taʼe.
Ani namoota Giriikii fi warra nama Giriik hin taʼiniif, beektotaa fi wallaaltotaaf gatii of irraa nan qaba.
Taʼus ani fiigicha sana xumuruu fi hojii Gooftaa Yesuus natti kenne sana hobbaafachuuf jedhee jireenya koo akka waan faayidaa hin qabneetti nan lakkaaʼa; hojiin kunis wangeela ayyaana Waaqaatiif dhugaa baʼuu dha.
Yaa obboloota, hawwiin garaa kootii fi wanni ani Israaʼelootaaf Waaqa kadhadhu akka isaan fayyaniif.
“Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi.
Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.
Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii.