Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kadhannaa Keessatti Walii Galuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Kadhannaa Keessatti Walii Galuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
“Ammas ani isinitti nan hima; isin keessaa yoo namoonni lama lafa irratti waaʼee waan kadhatan kamii iyyuu walii galan Abbaan koo inni samii irraa isaaniif taasisa.
Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii.”
Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.
Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti kadhannaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Waaqatti ol fuudhanii akkana jedhan; “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume.
Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte.