Sefaaniyaa 1
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Dubbiin Waaqayyoo kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha:
2“Ani fuula lafaa irraa waan hunda haxaaʼee nan balleessa” jedha Waaqayyo.
3“Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa; simbirroota samiitii fi qurxummii galaanaa, waaqota tolfamoo namoota hamoo gufachiisan haxaaʼee nan balleessa.” “Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
4“Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha. Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqota tolfamoo waaqeffatanii iddoo kanaa nan balleessa;
5warra raayyaa samii waaqeffachuuf qinaaxxii manaa irratti sagadan, warra sagadanii fi Waaqayyoon kakatan, warra Moolekiinis kakatan,
6warra Waaqayyoon duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan, warra Waaqayyoon hin barbaanne yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa.”
7Guyyaan Waaqayyoo waan dhiʼaateef fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti calʼisaa. Waaqayyo aarsaa tokko qopheesseera; inni warra affeere qulqulleesseera.
8“Guyyaa aarsaa Waaqayyootti ani qondaaltota ilmaan mootichaatii fi warra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba.
9Ani gaafas warra buusaa irra utaalan, kanneen galma waaqota isaanii jeequmsaa fi gowwoomsaadhaan guutan nan adaba.”
10Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya, Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa, gaarran irraa immoo sagalee diigama guddaatu dhagaʼama.
11Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa; daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu; warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu.
12Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa; warra qananiidhaan jiraatan, kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan, kanneen, ‘ Waaqayyo waan tolaas taʼu waan hamaa homaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba.
13Qabeenyi isaanii ni saamama; manni isaanii ni ona. Isaan mana ijaarratu; garuu keessa hin jiraatan; isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu; garuu daadhii wayinii hin dhugan.”
14Guyyaan Waaqayyoo guddichi dhiʼaateera; dhiʼaatees dafee dhufaara. Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Waaqayyoo hadhaaʼaa dha; goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.
15Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa, guyyaa dhiphinaa fi gaddaa, guyyaa rakkinaa fi badiisaa, guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa, guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;
16magaalaawwan dallaa jabaa qabanii fi gamoowwan ol dhedheeroo irratti guyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.
17“Sababii isaan Waaqayyootti cubbuu hojjetaniif, ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniif uummatatti dhiphina nan fida. Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa, miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.
18Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti meetiin isaanii yookaan warqeen isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu.” Ibidda hinaaffaa isaatiin addunyaan hundi ni barbadoofti; warra lafa irra jiraatan hundatti inni badiisa tasaa ni fidaatii.
Sefaaniyaa
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0