Sefaaniyaa 3
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Magaalaa cunqursitootaa, finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo!
2Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu; sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu. Isheen Waaqayyoon hin amanattu; Waaqa isheettis hin dhiʼaattu.
3Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha; bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaa kanneen waan tokko illee ganamaaf hin bulfannee dha.
4Raajonni ishee of tuultota; isaan namoota hin amanamnee dha. Luboonni ishee iddoo qulqulluu xureessanii seeras cabsu.
5Waaqayyo inni ishee keessa jiru qajeelaa dha; inni dogoggora tokko illee hin hojjetu. Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna; guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu; jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.
6“Ani saboota nan balleessa; daʼannoowwan isaanii diigamaniiru. Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreef ani daandiiwwan ishee onseera. Magaalaawwan isaanii onanii nama malee, duwwaa hafu.
7Ani magaalaa sanaan, ‘Ati dhugumaan na sodaatta; sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe. Ergasii iddoon jireenya ishee hin badu yookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu. Isaan garuu waan hojjetan hunda keessatti daba hojjechuutti ciman.
8Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu” jedha Waaqayyo; “Ani sabootaa fi mootummoota walitti qabee dheekkamsa kootii fi aarii koo sodaachisaa sana hunda isaanitti dhangalaasuuf murteesseera. Addunyaan guutuun ibidda hinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti.
9“Ergasii ani akka hundi isaanii maqaa Waaqayyoo waammataniif, akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifis afaan namootaa nan qulqulleessa.
10Warri anaaf sagadan, intallan koo kanneen bittinnaaʼan lageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu.
11Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadan magaalaa kana keessaa baasuuf, gaafas yakka ati natti hojjette sana hundaaf salphinni sitti hin dhufu. Ati lammata gaara koo qulqulluu irratti of hin tuultu.
12Ani garuu garraamotaa fi gad of qabeeyyii kanneen maqaa Waaqayyoo amanatan si keessatti nan hambisa.
13Hambaan Israaʼel yakka tokko illee hin hojjetan. Isaan soba hin dubbatan yookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu. Isaan nyaatanii boqotu; kan isaan sodaachisus hin jiru.”
14Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu; yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi! Yaa Intala Yerusaalem gammadiitii garaa kee guutuudhaan ililchi!
15Waaqayyo adaba kee sirraa fuudheera; inni diinota kee sirraa deebiseera. Waaqayyo Mootiin Israaʼel, si wajjin jira; ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu.
16Isaan gaafas Yerusaalemiin akkana ni jedhu; “Yaa Xiyoon hin sodaatin; harki kees hin laafin.
17Waaqayyo Waaqni kee inni si wajjin jiru jabaa dha. Inni baayʼee sitti gammada; inni jaalala isaatiin si boqochiisa; faarfannaadhaanis sitti gammada.”
18“Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditu sirraa nan fuudha; isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu.
19Ani yeroo sanatti warra si cunqursan hunda nan adaba; ani okkolaa nan baraara; warra gatamanis walitti nan qaba. Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessatti maqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf.
20Ani yeroo sanatti walittin isin qaba; yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha. Ani yeroo utuma isin argitanuu boojuu keessan deebisutti saba lafaa hunda gidduutti ulfinaa fi maqaa isiniifin kenna” jedha Waaqayyo.
Sefaaniyaa
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0