Sefaaniyaa 2
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Yaa saba qaanii hin qabne, walitti qabamaa; walitti qabamaa;
2utuu yeroon murtaaʼe sun gaʼee guyyaan sun akkuma habaqiitti isin hin haxaaʼin, utuu aariin Waaqayyoo bobaʼaan sun isinitti hin dhufin, utuu guyyaan dheekkamsa Waaqayyoo isinitti hin dhufin walitti qabamaa.
3Isin garraamonni lafaa kanneen waan inni ajaju hojjettan hundi Waaqayyoon barbaaddadhaa. Qajeelummaa barbaadaa; gad of qabiisa barbaadaa; isin guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti ni golbomamtu taʼaatii.
4Gaazaan duwwaa hafti; Ashqaloon immoo ni onti. Sabni Ashdood guyyuma Saafaadhaan ariʼamee baʼa; Eqroon immoo ni buqqifamti.
5Yaa Kereetota qarqara galaanaa jiraattan, isiniif wayyoo; yaa Kanaʼaan, biyya Filisxeemotaa, dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee sitti dhufeera; “Ani sin barbadeessa; namni tokko iyyuu hin hafu.”
6Biyyi qarqara galaanaa, iddoon Kaliitonni jiraatan, iddoo tiksoonni jiraatanii fi gola bushaayee taʼa.
7Innis handhuuraa hambaa mana Yihuudaa taʼa; isaan achitti lafa dheedaa argatu. Isaan galgala galgala mana Ashqaloon keessa ciciisu. Waaqayyo Waaqni isaanii isaan tiksa; boojuu isaaniis ni deebisaaf.
8“Ani arrabsoo Moʼaabii fi Qoosaa Amoonotaa, warra saba koo arrabsanii fi biyya isaanii doorsisan sanaa dhagaʼeera.
9Kanaafuu akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe sana” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel; “Moʼaab dhugumaan akkuma Sodoom, Amoononnis akka Gomoraa, iddoo aramaatii fi boolla soogiddaa, lafa bara baraan one ni taʼu. Hambaan uummata kootii isaan saamu; warri saba koo keessaa badii jalaa baʼan biyya isaanii ni dhaalu.”
10Kun gatii isaan of tuulummaa isaaniitiif argatanii dha; isaan saba Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu arrabsanii itti qoosaniiruutii.
11Waaqayyo yeroo waaqota biyyattii hunda barbadeessutti, akka malee isaan sodaachisa. Saboonni qarqara galaana hundaa irra jiraatan, namni biyya isaa keessa jiraatu hundinuus isa waaqeffata.
12“Yaa warra Itoophiyaa isinis goraadee kootiin ni gorraʼamtu.”
13Inni kaabatti harka ol fudhata; Asoorinis ni barbadeessa; Nanawwee guutumaan guutuutti ni onsa; akkuma gammoojjiitti gogsee hambisa.
14Bushaayee fi loon, uumamawwan gosa hundaa achi ciciisu. Urunguu fi dhaddeen utubaa ishee irra boqotu. Sagaleen isaanii foddaawwan keessaan dhagaʼama; diigamni balbala isaanii dura jira; demdemoon birbirsaa hundinuu qullaa hafa.
15Kun magaalaa of hin eegganne kan garuu nagumaan jiraattuu dha. Magaalaan kun, “Anuma qofa malee kan biraa na bira hin jiru” ofiin jette. Isheen akkam akkas ontee, iddoo bineensi bosonaa jiraatu taate! Namni ishee bira baʼee darbu hundinuu ni qoosa; harka isaas ni raasa.
Sefaaniyaa
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0