Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Fayyina Keessan Hojiirra Oolchaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Fayyina Keessan Hojiirra Oolchaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa;
akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Waaqaatii.
Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa; akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu, Waaqatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.
Garuu ani ayyaana Waaqaatiin akkuman jiru kana jira; ayyaanni isaa kan naa kennames akkasumaan hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa jabaadhee hojjedheera; kanas utuu ana hin taʼin ayyaana Waaqaa kan na wajjin jirutu hojjete.
Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna.
Kiristoos Yesuus waan kan ofii isaa na godhateef anis waan kana harkatti galfachuuf nan fiiga jechuudha malee waan kana hunda argadheera yookaan nama hirʼina hin qabne taʼeera jechuu miti.
Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.
Kanaafuu ani akkuma hojii humna isaa kan ciminaan na keessatti hojjetu sanaatti carraaqaa nan dhimma.
Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi.
Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa.
Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan;