Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qulqulleeffamuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Qulqulleeffamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif;
Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa; “Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
Namni tokko yoo salphina kana irraa of qulqulleesse, inni miʼa ulfinaa kan qulqulleeffame, kan Gooftaa isaa fayyaduu fi kan hojii gaarii kam iyyuu hojjechuuf qopheeffame taʼa.
Nu garuu yaa obboloota Gooftaan jaallatamtan, sababii Waaqni warra jalqabaa godhee akka isin karaa Hafuuraan qulqulleeffamuutii fi karaa dhugaatti amanuutiin fayyitaniif isin filateef yeroo hunda Waaqa galateeffachuu qabna.
Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.