Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Bartummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Bartummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Maatewos 28:19

Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;

02 Luqaas 9:23

Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu.

03 Yohannis 8:31-32

Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti. Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”

04 Maatewos 11:29

Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu.

05 Yohannis 13:35

Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”

06 Luqaas 14:27

Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.

07 Maatewos 16:24

Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.

08 Yohannis 12:26

Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban