Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gonfoo Jireenyaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Gonfoo Jireenyaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Mulʼata 2:10

Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.

02 Yaaqoob 1:12

Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.

03 2 Xiimotewos 4:8

Amma gonfoon qajeelummaa na eeggata; isas Abbaa Murtii qajeelaa, Gooftichatu guyyaa sana naa kenna; kanas warra mulʼachuu isaa jaallatan hundaaf kenna malee ana qofaaf miti.

04 1 Phexros 5:4

Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.

05 1 Qorontos 9:25

Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona.

06 Mulʼata 3:11

Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu.

07 2 Xiimotewos 2:5

Akkasumas dorgomaan tokko yoo akka malutti dorgome malee gonfoo hin argatu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban