Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Obsa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Obsa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 12:1

Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;

02 Yaaqoob 1:12

Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.

03 2 Xiimotewos 2:3

Atis akkuma loltuu jabaa kan Kiristoos Yesuusiitti nu wajjin dhiphadhu.

04 Roomaa 5:3-4

Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.

05 Ibroota 10:36

Yommuu fedhii Waaqaa raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.

06 2 Xiimotewos 4:5

Ati garuu waan hunda keessatti ilaallachaa deemi; rakkina obsi; hojii tajaajilaan wangeelaa tokko hojjetu hojjedhu; tajaajila kees fiixaan baasi.

07 Yaaqoob 5:11

Kunoo, nu warra obsaan jabaattanii dhaabatan sanaan eebbifamoo jenna; Iyyoob obsuu isaa dhageessaniirtu; waan Gooftaan dhuma irratti isaaf godhes argitaniirtu. Gooftaan gara laafinaa fi araaraan kan guutamee dha.

08 Qolosaayis 1:11

isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas

09 1 Phexros 2:20

Isin yoo sababii balleessaa hojjettaniif dhaanamtanii obsitan galata maalii argattu? Garuu yoo sababii waan qajeelaa hojjettaniif dhiphattanii obsitan kun fuula Waaqaa duratti galata qaba.

10 Maatewos 24:13

namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.

11 2 Qorontos 4:17

Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.

12 Roomaa 8:25

Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban