Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dorgommicha Fiiguu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Dorgommicha Fiiguu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa; kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.
Dorgommii fiigichaa keessatti akka warri fiigan hundinuu dorgoman, garuu akka namni tokko qofti badhaasa argatu hin beektanii? Isinis akkasuma akka badhaasa argattaniif fiigaa! Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona.
Ani lola gaarii loleera; dorgommii xumureera; amantiis eegeera.
badhaasa Waaqni Kiristoos Yesuusiin ol samiitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.
Isin fiigicha gaarii fiigaa turtan. Eenyutu gufuu isinitti taʼee dhugaadhaaf ajajamuu isin dhowwe ree?
Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;