Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Namummaa Haaraa Uffachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Namummaa Haaraa Uffachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Qolosaayis 3:10

eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.

02 Efesoon 4:24

namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.

03 Qolosaayis 3:9-10

Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.

04 Roomaa 6:6

Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;

05 Galaatiyaa 3:27

isin warri Kiristoositti cuuphamtan hundi Kiristoosin uffattaniirtuutii.

06 Efesoon 4:22

Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa;

07 2 Qorontos 5:17

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban