Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Bara Baraan Gooftaa Wajjin
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Bara Baraan Gooftaa Wajjin dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu.
“Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.
Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; “Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa.
Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.
Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.
Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira; atis harka koo mirgaa ni qabda. Ati gorsa keetiin na qajeelchita; ergasii immoo ulfinatti na galchita.
Nu ija jabina qabna; dhagna foonii kana irraa addaan baanee Gooftaa wajjin jiraachuu filanna.
Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii;
Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.