Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gammachuu Bara Baraa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Gammachuu Bara Baraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
Warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.
Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte; wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu; qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu; kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu; gammachuun bara baraas kan keessan.
Warri imimmaaniin facaasan, faarfannaa gammachuutiin ni haammatu. Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.
Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
Waaqayyo Waaqni kee inni si wajjin jiru jabaa dha. Inni baayʼee sitti gammada; inni jaalala isaatiin si boqochiisa; faarfannaadhaanis sitti gammada.”
Ati eebba bara baraa kenniteef; akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.
Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.”
Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu;
Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa, ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.