Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yerusaalem Haaraa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Yerusaalem Haaraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Mulʼata 21:2

Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge.

02 Mulʼata 21:10-11

Innis Hafuuraan na fuudhee tulluu guddaa fi dheeraa tokkotti na geesse; utuu Yerusaalem Magaalaa Qulqullittiin samii keessaa Waaqa biraa gad buutuu natti argisiise. Isheenis ulfina Waaqaatiin ni ibsiti turte; cululuqni ishees akkuma cululuqa dhagaa gatii guddaa, akka dhagaa yaasphiidii qulqulluu akka bilillee ture.

03 Ibroota 12:22

Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu;

04 Mulʼata 21:22-23

Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishee waan taʼaniif ani magaalattii keessatti mana qulqullummaa tokko illee hin argine. Aduun yookaan jiʼi magaalattiif ibsuun hin barbaachisu; ulfinni Waaqaa ifa kennaafiitii; Hoolichis ibsaa ishee ti.

05 Galaatiyaa 4:26

Yerusaalem isheen samii irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya.

06 Mulʼata 21:24-25

Saboonni ifa isheetiin deddeebiʼu; mootonni lafaas ulfina isaanii gara isheetti fidu. Sababii halkan achi hin jirreef karrawwan magaalattii gonkumaa guyyaa tokko iyyuu hin cufaman.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban