Obaadiyaa 1
Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)
1Mulʼata Obaadiyaa. Waaqayyo Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha. Nu ergaa tokko Waaqayyo irraa dhageenyeerra: Ergamaan tokko, “Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa; waraanaafis baʼaa” jechuuf gara sabootaatti ergame.
2“Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa; atis akka malee tuffatamta.
3Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraattee mana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu, kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu, of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
4Yoo ati akkuma risaa ol fagaattee urjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu, ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
5“Hattuun yoo sitti dhuftee saamtuun halkaniin sitti seente, balaa akkamiitu si eeggata! Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii? Warri ija wayinii guuran utuu gara kee dhufanii, silaa qarmii wayii hin dhiisanii?
6Esaawu garuu akkam saamamee qabeenyi isaa dhokfamaanis jalaa guurame!
7Gareen kee hundinuu gara moggaatti si dhiiba; michoonni kee si gowwoomsanii si moʼatu; warri buddeena kee nyaatan kiyyoo si dura kaaʼu; ati garuu waan kana hin hubattu.
8“Ani bara sana ogeeyyii Edoom, namoota hubannaa qaban tulluuwwan Esaaw irraa hin balleessuu?” jedha Waaqayyo.
9“Yaa Teemaan qabsaaʼonni kee ni rifatu; namni tulluuwwan Esaawuu irra jiraatu hundinuus gorraʼamee dhuma.
10Sababii daba obboleessa kee Yaaqoobitti hojjetameetiif ati qaaniidhaan haguugamta; bara baraanis ni balleeffamta.
11Gaafa alagoonni qabeenya isaa guurratanii namoonni ormaa immoo karra isaa seenanii Yerusaalemitti ixaa buufatanitti, atis kophaa dhaabattee isaan keessaa akka isa tokkoo taate.
12Gaafa inni milkii dhabetti ati obboleessa kee tuffachuu hin qabdu turte; yookaan guyyaa badii isaaniitti saba Yihuudaatti gammaduu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaanii keessa akka malee of tuuluu hin qabdu turte.
13Bara balaan isaanitti dhufe keessa karra saba kootiin ol seenuu hin qabdu turte; yookaan bara dhaʼichi isaanitti dhufe keessa rakkina isaanii keessatti isaan tuffachuu hin qabdu turte; yookaan bara balaan isaanitti dhufe keessa qabeenya isaanii saamuu hin qabdu turte.
14Baqattoota isaa fixuuf jettee qaxxaamura karaatti isaan eeggachuu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaa keessa hambaa isaa dabarsitee kennuu hin qabdu turte.
15“Guyyaan Waaqayyoo saboota hundaaf dhiʼaateera. Akkuma ati hojjette sittis ni hojjetama; hojiin kees matuma keetti deebiʼa.
16Akkuma isin gaara koo qulqulluu irratti dhugdan sana, saboonni hundinuu ittuma fufanii ni dhugu; isaan itti deddeebiʼanii dhugu; akka waan gonkumaa hin dhuginii taʼu.
17Tulluu Xiyoon irra garuu furamuun ni jiraata; inni ni qulqullaaʼa; manni Yaaqoobis dhaala isaanii ni dhuunfatu.
18Manni Yaaqoob ibidda, manni Yoosef immoo arraba ibiddaa taʼa; manni Esaaw huura taʼa; isaanis ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessu. Mana Esaaw keessaa namni tokko iyyuu hin hafu” jedhee dubbateera Waaqayyo.
19Namoonni Negeeb tulluuwwan Esaaw ni qabatu; namoonni gaarran jala jiraatan immoo biyya Filisxeemotaa qabatu. Isaan dirree Efreemii fi Samaariyaa ni qabatu; Beniyaam immoo biyya Giliʼaad qabata.
20Gareen boojiʼamtoota Israaʼel kan Kanaʼaan jiraatu kun biyya hamma Saaraptaatti jiru dhaala; boojiʼamtoonni Yerusaalem kanneen Sefaaraad jiraatan magaalaawwan Negeeb dhaalu.
21Bilisa baastonni tulluuwwan Esaaw bulchuudhaaf Tulluu Xiyoonitti ol baʼu. Mootummaanis kan Waaqayyoo taʼa.
Obaadiyaa
- 1
Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.
© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0