Amoos 9

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Utuu Gooftaan iddoo aarsaa bira dhaabatuu nan arge; innis akkana jedhe: “Akka buusaawwan balbalaa raafamaniif fiixee utubaa dhaʼi. Mataa nama hundaa irratti gad isaan harcaasi; warra hafe immoo anatu goraadeedhaan fixa. Tokkoon isaanii iyyuu baqatanii hin baʼan; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqu.

2Yoo isaan boolla qilee qotatan iyyuu harki koo achii isaan fuudha. Yoo isaan samiitti ol baʼan iyyuu ani achii gad isaan nan buusa.

3Yoo isaan fiixee Qarmeloos irra dhokatan iyyuu, ani achii adamsee qabee gad isaan nan fida. Yoo isaan galaana jala na dhokatan iyyuu, ani akka inni achitti isaan idduuf bofa itti nan ajaja.

4Yoo diinonni isaanii boojiʼanii isaan fudhatan, achitti goraadee isaan fixxu itti nan ajaja. “Ani waan gaariidhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf ija koo isaan irra nan buusa.”

5Gooftaan, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu lafa ni tuqa; isheenis ni baqxi; wanni ishee irra jiraatu hundinuu ni booʼa; biyyattiin guutuun akka laga Abbayyaa ol kaati; ergasiis akka laga Gibxi gad galti;

6inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee hundee isaa lafa irra dhaabbatu, inni bishaanota galaanaa waamee fuula lafaa irratti gad roobsu sun maqaan isaa Waaqayyo.

7“Isin Israaʼeloonni anaaf akkuma saba Itoophiyaa mitii?” jedha Waaqayyo. “Ani Israaʼeloota biyya Gibxiitii, Filisxeemota Kaftoorii, warra Sooriyaa immoo Qiirii baasee hin fidnee?

8“Dhugumaan iji Waaqayyo Gooftaa mootummaa cubbamaa irra jira. Ani fuula lafaa irraa isa nan balleessa; taʼus ani guutumaan guutuutti mana Yaaqoob hin balleessu” jedha Waaqayyo.

9“Ani ajaja kennee akkuma midhaan gingilchaadhaan gingilfamee iji tokko iyyuu lafa hin buune sana saboota hunda gidduutti mana Israaʼel nan gingilcha.

10Cubbamoonni saba koo gidduu jiraatan hundi Warri, ‘Balaan nu hin argatu yookaan nutti hin dhufu’ jedhan hundi goraadeedhaan dhumu.

11“Ani bara sana keessa dunkaana Daawit “Kan kufe sana deebisee nan dhaaba. Kan tarsaʼes walitti nan supha; diigamaa isaa iddootti deebisee akka duraatti nan ijaara;

12kunis akka isaan hambaa Edoomii fi saboota maqaa kootiin waamaman hunda dhaalaniif” jedha Waaqayyo, inni waan kana hojjetu.

13Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, barri itti namni haamu tokko isa qotu qaqqabu, “namni wayinii dhaabu immoo isa cuunfu qaqqabu tokko ni dhufa; Daadhiin wayinii haaraan tulluuwwan irraa ni coccopha; gaarran hunda keessaas ni yaaʼa.

14Ani saba koo Israaʼelin boojuudhaa nan deebisa. “Isaanis magaalaawwan diigaman deebisanii ijaaranii keessa ni jiraatu. Isaan wayinii dhaabanii, daadhii wayinii isaanii ni dhugu; isaan biqiltuu dhaabbatanii ija isaa ni nyaatu.

15Ani Israaʼeloota biyya ofii isaanii keessa nan dhaaba; isaan biyya ani isaaniif kenne keessaa lammata hin buqqifaman,” jedha Waaqayyo Waaqni kee.

Amoos

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0