Amoos 3

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1Yaa saba Israaʼel, dubbii Waaqayyo isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa:

2“Ani maatiiwwan lafa irra jiraatan hunda keessaa isin qofa filadheera; kanaafuu ani cubbuu keessan hundaaf isinan adaba.”

3Yoo walii galan malee namoonni lama wajjin ni deemuu?

4Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatin bosona keessaa ni aadaa? Inni yoo waa qabate malee holqa isaa keessaa ni aadaa?

5Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminitti kiyyoo keessa ni seentii? Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirre akkasumatti lafaa ni utaalaa?

6Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame, namoonni hin raafamanii? Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe, Waaqayyotu waan sana fide mitii?

7Dhugumaan Waaqayyo Gooftaan utuu tajaajiltoota isaa raajotatti hin mulʼisin waan tokko illee hin hojjetu.

8Leenci aadeera; eenyutu hin sodaanne ree? Waaqayyo Gooftaan dubbateera; yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree?

9Daʼannoo Ashdoodiitii fi daʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa: “Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa; jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu fi cunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa.”

10“Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi waan saamame kuufatan akka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan” jedha Waaqayyo.

11Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Diinni biyya keessan marsa; jabina keessan gad buusa; daʼannoowwan keessanis ni saama.”

12Waaqayyo akkana jedha: “Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaanii yookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana, Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra, Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼan akkasuma ni baraaramu.”

13“Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaqoobitti dhugaa baʼaa” jedha Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu.

14“Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti, iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa; gaanfawwan iddoo aarsaas caccabanii lafatti ni harcaʼu.

15Ani mana gannaatii fi mana bonaa nan diiga; manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu; manneen gurguddaanis ni balleeffamu” jedha Waaqayyo.

Amoos

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0