Hooseʼaa 6

Oromo — Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa (Biblica)

1“Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana.

2Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.

3Kottaa Waaqayyoon haa beeknu; isa beekuufis haa tattaaffannu. Akkuma aduun dhugumaan baatu sana inni dhugumaan ni dhufa; inni akkuma bokkaa gannaa, akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.

4“Yaa Efreem, ani maalan si godha? Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu ti.

5Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree dubbii afaan kootiin isin fixe; murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.

6Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.

7Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; achittis anaaf hin amanamne.

8Giliʼaad magaalaa hamootaa kan dhiigaan faalamtee dha.

9Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, gareen lubootaas akkasuma godhu; isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.

10Ani mana Israaʼel keessatti waan suukaneessaa tokko argeera. Achitti Efreem ni sagaagale; Israaʼelis ni xuraaʼe.

11“Yaa Yihuudaa sittis haamamuun murteeffameera. “Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,

Hooseʼaa

Open the interactive reader to switch translations, adjust type, and mark verses — or browse verses by topic.

© 2022 Biblica, Inc. · CC BY-SA 4.0